Telegram Group Search
Akkan si jaaladhutti
Atis jaalannaan ana...!
Kiraatti natti eerumi
Waliin ijaarra mana...!

"JAALALLI jaamaadha"
Erga jedhee namuu...!
Ulaagaa baay'iftee
Nan aarsini lamuu...!

Binnee hin argannu
Jaalalli qaaliidha...!
Dhabaaf adda baanaan
Bor sumaaf qaaniidha...!

Nu lachuu reefuma
Bilchaachuuf bargannaa...!
Boruuf rabbiin qabna
Hojjannee arganna...!

Wal ta'anii guddachuun
Dhirsaaf niitii seerumaa...!
Umriin taa'ee sin eegu
Hin baqatin eeruma...!

Hedduun si jaaladha
Ati qooda kiyyaa...!
Maatii keen gaafadha
Ergee jaarsa biyyaa...!

Siree irrattis ta'u
Golaaf lafa gabaatti...!
Anuu sin kunuunfadha
Akka ilmoo dhabaatti...!

Dhugaan yoo na jaalatte
Sababa hin fidinii...!
Sin fuudha, natti eerumi
Adaraa hin didinii...!


πŸ“œ April 05/2024 πŸ•‘
➲ ⎾Laty Niftalem⏌


☒️
#JOIN_AND_SHARE ♻️
⬇️⬇️
πŸŒγ€‚οΌΌο½œοΌγ€‚πŸŒ
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸŒγ€‚οΌο½œοΌΌγ€‚πŸŒ


Yaadaaf πŸ‘‡πŸΎ
πŸ“©
@Onnee_Dhugaa_bot
πŸ“ Hammuma onnee sobaatiin namootatti dhiyaachaa deemtu namoota onnee qulqulluudhan si jaallatan irraas fagaachaa deemta!🀝

Isiin Jaalatamtoota ❀️🫢


πŸ“œ April 05/2024 πŸ•‘
➲ ⎾Laty Niftalem⏌


☒️
#JOIN_AND_SHARE ♻️
⬇️⬇️
πŸŒγ€‚οΌΌο½œοΌγ€‚πŸŒ
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸŒγ€‚οΌο½œοΌΌγ€‚πŸŒ


Yaadaaf πŸ‘‡πŸΎ
πŸ“©
@Onnee_Dhugaa_bot
Yoo tolte firaaf toli
Halagaaf hin caraaniin...!
Yoo lolte finnaaf loli
Haadhookee hin waraanin...!

Karra haqaa banii
Dhugaaf of wareegi...n
Warra raqaa ganii
Dhiigaan dhugaa eegi...!

Dhugaa diinni sarme
Lafeekeen soroorsi...!
Copha imimmaan harmee
Dhiigakeetiin qoorsi...!

Jirma jabaa ta'i
Tasa harka hin laatiin...!
Ilma sabaa ta'i
Gandaaf hin jiraatiin...!

Yoo akkana hin taane
Dhiisi waliin dhahuu...!
Yoo siin dabni hin kaane
Dhiisi daba dahuu...!


πŸ“œ April 08/2024 πŸ•‘
✍️ Waadaa Getaachoo
➲ ⎾Laty Niftalem⏌


☒️
#JOIN_AND_SHARE ♻️
⬇️⬇️
πŸŒγ€‚οΌΌο½œοΌγ€‚πŸŒ
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸŒγ€‚οΌο½œοΌΌγ€‚πŸŒ


Yaadaaf πŸ‘‡πŸΎ
πŸ“©
@Onnee_Dhugaa_bot
Erga Dubbistee Booda Group Hundatti ♻️ SHARE ♻️
Gochuun Lubbuu Fi Miidhama Obbooloota kee Baraari.

1). Miidhaa Bilbilaa/Mobile

➑️ Dhukkubni ijaa β€œEye Macular” jedhamu yeroo durii namoota umriin isaanii gara dulumaa jiru irratti mul’achaa ture . Yeroo dhiyoo as garuu dargaggeessa fi Dargageettii umriin isaanii 18-35 gidduu jiru β€œEye Macular” kan jedhamuu, dhukkubni ija nama jaamsu Danda'u Kun Heedduminaan Qabachaa Jira, Namoonni Heedduun Dhukkuba Kanaan Rakkachaa Jira
Sababni Guddaan Dhukkuba Kanaa
- Namoonni baay’een halkan ibsaa(Ifa) ergaa Dhaamsanii Booda , Mobile Isaanii Fayyadamu jedhu. Dukkana keessa daqiiqaa 30’f mobile keenya fayyadamuun, rakkoo keessa nu galchuu qofa osoo hin taanee Cancer (Kaanserii Ijaaf) nu saaxila.
kanaaf yeroo bilbila Fayyadamtan ifa keessa fayyadamaa, Sa'atii dheeraaf walitti aansitanii hin fayyadaminaa, Ifa ykn brightness bilbila keessanii xiqqeessaa fayyadamaa.


πŸ“œ April 11/2024 πŸ”§
➲ ⎾Laty Niftalem⏌


☒️
#JOIN_AND_SHARE ♻️

πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
2) . Dhukkubbii Mormaa fi Dugdaa:-

β¦πŸ‘‰πŸΎβ©Saaynsiin akka jedhutti namni gadi jedhee moobayillii fayyadamu(wa dubbisuuf ykn barreessuuf) nama morma isa irratti meeshaa 12kg ulfaaltuu rarrafate/batuun wal-qixa. kun ammoo suuta suutan maashaa mormaa fi dugda osoo nutti hin beekkamne akka citan taasisa. Haala kanaan yeroo dheera booda dhukkubbi mormaa fi dugdaaf nu saaxila. Namoonni baay’een yeroo amma dhukkubbii dugdaan rakkachuurrati argamu. Kanaaf jechas yaalii hin barbaachisneef(operation) godhu.Dhukkubbii dugdaaf sababoonni baay’een jiraatanis kunis sababa akka ta’uu danda’u haa beeknu.

β¦πŸ‘‰πŸΎβ©Maddaa waantan dubbisee irraa


πŸ“œ April 11/2024 πŸ”§
➲ ⎾Laty Niftalem⏌


☒️
#JOIN_AND_SHARE ♻️
⬇️⬇️
πŸŒγ€‚οΌΌο½œοΌγ€‚πŸŒ
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸŒγ€‚οΌο½œοΌΌγ€‚πŸŒ


Yaadaaf πŸ‘‡πŸΎ
πŸ“©
@Onnee_Dhugaa_bot
3) . Jarmii Dhukkuba Fidaniif Madda Ta’uu Danda’a

β¦πŸ‘‰πŸΎβ©Haala nama aja’ibuun qorannoon akka mul’isuutti moobayiliin namoota hedduu qulqullumaadha harka 18tiin mana fincaaniiti gadi. sababni isaas namni harka isaa yoo dhiqatuu, moobayilii dhiquu garuu hin danda’amu. Sila kana ta’eef yeroo garagaraati harka xuraawaan moobayilii tuttuquun keenya hin oolu.kun ammoo jarmiiwwan(baakteriyaan) deebisani dhukkuba nutti fidan akka irratti wal horan taasiisa.
Harkuma bilbila keenya tuttuqneen osoo hin dhiqatin nyaata sooranna.

4) .Carraa kaansariin qabamuu keenya dabala

β¦πŸ‘‰πŸΎβ©Qorannoo godhameen guutumatti adda baasuun dadhabamus yeroo heddu moobayillii fayyadamuun kaansariiwwan sammuu,ijaa,dhiigaa,cidhaanii fi kaansarii xannacha hanchuufatiif akka nama saxilu qoratootni ni dubbatu.


β¦πŸ”§ Maddaa waantan dubbisee irraa


πŸ“œ April 14/2024 πŸ•‘
➲ ⎾Laty Niftalem⏌

☒️ #JOIN_AND_SHARE ♻️
⬇️⬇️
πŸŒγ€‚οΌΌο½œοΌγ€‚πŸŒ
πŸ“‘ @jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘ @jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘ @jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸŒγ€‚οΌο½œοΌΌγ€‚πŸŒ
Gaafa aariin mimmiroftu
Natti gamuuf sisirrooftu...!
Harka jibban na haleeltu
Narraa cituu gaaf kajeeltu...!

Sababa kee sassaabbattee
Obsi sirkaa gabaabbattee...!
Anaan loluuf ija baaftu
Haasan jirre lafaa kaaftu...!

Summii jechan na waraantu
Madoo malee gaaf caraantu...!
Gaarummaa koo gaaf faaltu
Eenyummaa koo gaaf haaltu...!

Akkamittan si amanaa...?
Ati ana ; ofin ganaa...?

YEROOS
Onneen koo ishiin gowwaa...!
Of-mooksitee buutu bowwaa...!

AN GARUU
Balaqqeessa ija keetii
Dukkana koo ibsa seeti...!
Madaa baattee si kiiftee
Waraanamtee siif dhiifte...!



πŸ“œ April 15/2024 πŸ•‘
➲ ⎾Laty Niftalem⏌
✍🏾 Ogeetii Hirphaa

☒️
#JOIN_AND_SHARE ♻️
⬇️⬇️
πŸŒγ€‚οΌΌο½œοΌγ€‚πŸŒ
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸŒγ€‚οΌο½œοΌΌγ€‚πŸŒ


Yaadaaf πŸ‘‡πŸΎ
πŸ“©
@Onnee_Dhugaa_bot
Eenyumtuu iddoo kee bu'uu hin danda'u!

Namoonni tokko tokko si hin barbaadu jedhanii deemaniitu yeroo kan akka kee dhaban si obsuu hin dandeenye jechuun lammata gara jireenya keetitti deebi'uuf yaalu!

Yeroo tokko tokko namoonni ati onnee qulqulluudhan jaalattee fedha keetin gowwoomtef si tuffatanii deemanii yeroon isaan fakkaattaa akka keetillee hin arganne nii jira!

Jaalala dhugaa keessatti yeroo ati fedha keetin gowwaa taatuf nama anatu irra beekadha jedhuuf onnee kee hin kennin!

iddoo si hin maddaalle deemtee gatii kee gadi hin buusin. Wanti hunduu yoo iddoo isaatti argame nama hawwata. Eenyumma keettin boonun deemsa kee itti fufi. Yeroo sana jireenya milkaa'aa jiraatta.

πŸŒ„ Halkan mi'ooftu isiniif hawweera 🀝


πŸ“œ April 16/2024 πŸ”§
➲ ⎾Laty Niftalem⏌


☒️
#JOIN_AND_SHARE ♻️
⬇️⬇️
πŸŒγ€‚οΌΌο½œοΌγ€‚πŸŒ
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸŒγ€‚οΌο½œοΌΌγ€‚πŸŒ


Yaadaaf πŸ‘‡πŸΎ
πŸ“©
@Onnee_Dhugaa_bot
Imimmaan koo kalee
Jaalalaaf Harcaasee...!
Har'a xiiqii kuuseen
Jibbatti facaasee...!

Sanyiin kee kaleessa
Biqilchuuf dharra'ee...!
Har'a akka haramaattan
Buqqisuuf rarra'ee...!

Jedhee utuun siif himee
Tarii natti dhiigdaa...!
Marxoo hirbuu keenyaa
Hiikkattee immoo diigdaa...?

πŸ”§TARII πŸ”§
Michuummaa koo dhiistee
Qofummaan firoomtaa...?
Jibba kiyyaan dhiigdee
Hammeenyaan warroomtaa...?

πŸ”§TARII πŸ”§
Karaa keenya kalee
Yaadannoof marmaartaa...!
Biyyoo dachee sanaa
Hirquudhaan hammaartaa...!

πŸ”§TARII πŸ”§
Guyyaa gaafa sanaa
Yaadattee abaartaa...?
Moo garaa dhiifamaan
deebistee na maartaa
😞


πŸ“œ April 16/2024 ⏲️
➲ ⎾Laty Niftalem⏌
✍🏾Marsii D Faajjii

☒️
#JOIN_AND_SHARE ♻️
⬇️⬇️
πŸŒγ€‚οΌΌο½œοΌγ€‚πŸŒ
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸŒγ€‚οΌο½œοΌΌγ€‚πŸŒ


Yaadaaf πŸ‘‡πŸΎ
πŸ“©
@Onnee_Dhugaa_bot
πŸ”΅ Namoonni baayyeen namaaf amanamuu dadhabuudhaan dhumasaani gaabbiidhaan guutu ; kun immoo jireenya keenya keessatti miidhama guddaa qaba!

πŸ”΅ Yoomuu namaaf amanamaa/tu ta'i. Yoo miidhamtes dhuma keetu gaarii ta'a! Gaafa namni si gane sun gatii guddaa kaffalu teessee ilaaluun akka ati waan hundumaatti amanamtuuf si gargaara!

🚫Namaaf Amanamuun Waan Hundumaarra Gaariidha!

πŸŒ„ Galgalli Keessan Haa Miidhagu!


πŸ“œ April 28/2024 πŸ•‘
➲ ⎾Laty Niftalem⏌


☒️
#JOIN_AND_SHARE ♻️
⬇️⬇️
πŸŒγ€‚οΌΌο½œοΌγ€‚πŸŒ
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸŒγ€‚οΌο½œοΌΌγ€‚πŸŒ


Yaadaaf πŸ‘‡πŸΎ
πŸ“©
@Onnee_Dhugaa_bot
Akka ati jettu miti
An hin jiru bakkicha...!
Maalummaako kan beeku
Anaaf rabbi tokkicha...!

Bakka ati itti na yaaddu
An hin jiru raawwadhe...!
An siin hin hoogganamu
Jira ofira dhaabbadhee...!

Ati jedhi waan feete
Bukeessi oduu gandaa...!
Harra na hammeessitus
Bor dhugaakoo lallabdaa...!

An nama of ta'adha
Nama gatiisa beeku...!
Odulee mandaraatiif
Gurrako kenne hin beeku...🀸


πŸ“œ May 01/2024 πŸ•‘
➲ ⎾Laty Niftalem⏌


☒️
#JOIN_AND_SHARE ♻️
⬇️⬇️
πŸŒγ€‚οΌΌο½œοΌγ€‚πŸŒ
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸŒγ€‚οΌο½œοΌΌγ€‚πŸŒ


Yaadaaf πŸ‘‡πŸΎ
πŸ“©
@Onnee_Dhugaa_bot
Nama anan feenee
Kan argaa koo jibbu...!
Nama gadda kootiif
Akka cidhaa sirbuu...!

Nama na hamachaa
Afaaniin na saaduu....!
Nama dantaasaatiif
Qofa na barbaaduu...!

Kabajaa kenneefiin
Onnee kiyya keessa...!
Isaaf baga jedheen
Eebbisee geggeessa...🀸

πŸ“œ May 08/2024 πŸ•‘
➲ ⎾Laty Niftalem⏌
✍🏾 Amena Taafarii

☒️
#JOIN_AND_SHARE ♻️
⬇️⬇️
πŸŒγ€‚οΌΌο½œοΌγ€‚πŸŒ
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa βœ…οΈ
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa βœ…οΈ
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa βœ…οΈ
πŸŒγ€‚οΌο½œοΌΌγ€‚πŸŒ


Yaadaaf πŸ‘‡πŸΎ
πŸ“©
@Onnee_Dhugaa_bot
꧁┃‒ GORSAFβ€’β”ƒπŸ“‹κ§‚
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
♻️ SHARE ♻️


Yeroo baay'ee namoonni tokko tokko yoo ati kolfitu yeroo si argan wanta boosssu itti hin fakkaatu wanta gadditu itti hin fakkaatu halkanii guyyaa wanta kolfitu itti fakkaata. Haa ta'u malee keessa kee kan beeku sii fi uuma kee qofa.

Icciitii Jireenya keetii nama kamiifuu ibsuun sin barbaachisu Namoonni jireenya kee kan tilmaaman akka ilaalcha fi dandeettii isaanitti qofa. Kun immoo jireenyaf eenyummaa kee akkasumas gatii kee ibsuu hin danda'u.
Gatii kee kan beeku suma qofa Leenci leencummaa isaa eenyumaafuu hin ibsu.

Gochaan itti agarsiisa kanaafuu ati eenyumaa kee namoonni kallattii gara garaatin jajal'isanii odeessanis tasumaa hin yaadda'in waa'ee eenyumma keeti namaaf hin ibsin gochaan itti agarsiisi!


⚠️ Always Have a Positive Attitude To Be a Better Person And Go!
⚠️ Yeroo Hundaa Nama Fooyya'aa Ta'uuf Ilaalcha Gaarii Qabadhuu Deemi
!


❍➀ ❝ Dubbisaa ; Dubbisuun Hanga Du'aattidha ❞

πŸ”• Namoonni waan dubbisan share hin goone namoota of qofaaf yaadanidha ; ♻️ SHARE ♻️ godhi Hiriyyaa Keef Innis Irraa Haa Baratu...!

#WAAN_ISIN_CAALA_BEEKEEF_MITI ;
#WAANAN_BEEKU_IRRAAN
#ISINIIF_QOODE_MALEE

πŸ“œ May 09/2024 πŸ•‘
➲ ⎾Laty Niftalem⏌

☒️
#JOIN_AND_SHARE ♻️
⬇️⬇️
πŸŒγ€‚οΌΌο½œοΌγ€‚πŸŒ
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸŒγ€‚οΌο½œοΌΌγ€‚πŸŒ


Yaadaaf πŸ‘‡πŸΎ
πŸ“©
@Onnee_Dhugaa_bot
Channel photo updated
Dhimmi Kee naaf dhimma
Waa'een Kee na galcha....!
Ani fayyaan ta'u
Atimmoo dhiphachaa...!

Caba keen okkolaa
Dhibee kan keen aadaa...!
Eenyumayyuu caala
Nagaa keen barbaadaa...!

Ani fayyaan ta'u
Yaaddoo marsee si'ii...!
Si jechuun anadhaa
Ana jechuun si'i...!


πŸ“œ May 17/2024 πŸ•‘
➲ ⎾Laty Niftalem⏌

☒️
#JOIN_AND_SHARE ♻️
⬇️⬇️
πŸŒγ€‚οΌΌο½œοΌγ€‚πŸŒ
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸŒγ€‚οΌο½œοΌΌγ€‚πŸŒ


Yaadaaf πŸ‘‡πŸΎ
πŸ“©
@Onnee_Dhugaa_bot
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
꧁┃‒ GORSAFβ€’β”ƒπŸ“‹κ§‚
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
♻️ SHARE ♻️



β™“
Namoota lama gonkumaa jireenya keessan keessatti hin dagatinaa!

1) Nama dhukkubbii hundumaa keessatti isiin waliin ture!
➑️Haadha keessan!
2) Nama mo'ame waan hunda akka injifattu qofaaf jiraatu!
➑️Abbaa keessan!



β™“
Never forget two people in your life

1) The person who was with you in every pain!
➑️Your Mother!
2) The person who lost everything just to make you win!
➑️Your Father!



πŸ“œ May 18/2024 πŸ•‘
➲ ⎾Laty Niftalem⏌


☒️
#JOIN_AND_SHARE ♻️
⬇️⬇️
πŸŒγ€‚οΌΌο½œοΌγ€‚πŸŒ
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸŒγ€‚οΌο½œοΌΌγ€‚πŸŒ


Yaadaaf πŸ‘‡πŸΎ
πŸ“©
@Onnee_Dhugaa_bot
꧁┃‒ Dubbisa 28FFAAβ€’β”ƒπŸ“‹κ§‚
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
πŸ“š β€’ SHARE β€’ ♻️ SHARE ♻️


1) Nama Namaaf Namaa...!
2) Nama Namaan Namaa fi
3) Nama Ofiif Namaa...!

β™“ Mee amma namoota kana sadaan tokko tokkoo isaanii hiknee haa ilaalluu.


Adeemsa jireenya keessati warra kana yoo addaa baafatte ofii kees nama biroos eenyumaa isaanii sirnaan bartaa!

Yaada + Gochaa = Amalaa waan ta'eef Gochaa isaanin yaada isaani tilmaamun sin rakkisuu!


1 ) NAMAA NAMAAF NAMAA :- Warri kun addunyaa har'a keessaa jiraata jirruu keessatti baay'ee hin argamaan yoo argamaanis carraa isaan dachee gubbaa jiraachuu isaanii muraasa. Namaa Namaaf Namaa warrii taa'an nama hundaaf nama gaariidha. Hiyyeessaa ykn sooreessaa jedhaani osoo addaa hin qodiin ija tokkoon nama maara ilaaluu. Qabaatani irraa waan hafeef nama gargaruu osoo hin taane isaa qabaan irraa namaaf hixaachuun waan isaan gammachiisuuf jechaa ofiif qofa gammaduu hin barbadaan namoota ciina isaani jiru ni mil'atuu.

2 ) NAMA NAMAAN NAMAA :- Isaan kun namoota salphaati jijjiiramuus ta'ee baduus danda'aanidha. Si miidhuu ykn si balleessuu irraatti hin xiyyeefaatan wantaa gaariidha jedhanii yaadan hundaa yeroo godhaan sammuun isaanii ni gammadaa. Garbummaas ta'e bilisummaa lamaan isaanii iyyuu isaan biraatti hiikaa hin qabu. Utuu ofii isaani hin jijjiirin namoota biro jijjiiruu barbaaduu. Osoo ofii isaani karoora fi kaayyoon hin jiraatin karoora fi kaayyoo sif baasuun akka ati itti jiraattu si gorsuu. Sammuun isaanii of jijjiiruu osoo hin taane yeroo hundaa nama biroo jijjiiruu irraatti hunda'aa. Falaasamaa jireenya gaariis ta'ee amma hundaatti fayyadaamu barbaaduu. Waan namnii ittin jedhe hundaa dhugaadha jedhu, Eeyyummaa isaani namoota biiroon itti himaama. Waan godhaanitti gabbuu ykn dhiifamaa gaafachuu hin danda'aan.

3 ) NAMA OFIIF NAMAA :- warrii kun carraan namaa waliin jiraachuu isaanii baay'ee gad-anaadha. Jireenya isaanii keessatti nama qeequuf ykn tufaachuuf sababooti qubsaa isaan hin barbachiisu. Isaan ifa arguuf osoo hin taane argamuuf barbaaduu. Rakkatooti deggersaaf yeroo isaanitti hixaatan salphaati gargaruuf fedhaa hin qabaan. Ofii isaanif qofa nama ta'aani akka dhalataanitti of ilaaluun gatii namoota biiro gad buusun kan isaani olkaafatu. Ofii argamuuf sin si miidhuu sababaa malee jiraachuun kee kolfuun kee isaan dhukkubsaa. Waan dachee irraa jiru hundii isaan biraatti utuu argamee barbaaduu. Badii isaanii hundaaf dhiifaama gaafachuun salphiina fi kiloo isaani waan gadii buusu itti fakkaata. Namnii hunduu toraa jireenya isaanin geggeeffamee utuu jiraate barbaaduu. Oggaanamuu irraa oggaanuu bayyee jaallatu. Ofiif qofa namaa ta'aani argamuu yoo rakkaate yoo dhiiste isaaniif mijoofnan sin qubaa hin qabaan dhimma isaaniis miti!


⚠️ Always Have a Positive Attitude To Be a Better Person And Go!

❍➀ ❝ Dubbisaa ; Dubbisuun Hanga Du'aattidha ❞

πŸ”• Namoonni waan dubbisan share hin goone namoota of qofaaf yaadanidha ; ♻️ SHARE ♻️ godhi Hiriyyaa Keef Innis Irraa Haa Baratu...!


πŸ“œ May 25/2024 πŸ•‘
➲ ⎾Laty Niftalem⏌


☒️
#JOIN_AND_SHARE ♻️
⬇️⬇️
πŸŒγ€‚οΌΌο½œοΌγ€‚πŸŒ
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸŒγ€‚οΌο½œοΌΌγ€‚πŸŒ


Yaadaaf πŸ‘‡πŸΎ
πŸ“©
@Onnee_Dhugaa_bot
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Ni dhufta sagaduu!

Ciminnikoo dubbiin kumaa
Si biratti tokkoon dhuma...!
Jabinnikoo biyyaaf ifaa
Sibiratti dhufee kufa...!

Ana faana kumatu yaa’a
Tokkoffaarra situ taa’a...!
Si’i faana kumatu yaa’a
Dhuma namaa natu taa’a...!

-/-SILAS-/-
Ati hin hiriirre ni hiriirsifta!
Ati hin ciniinne ni ciniinsifta!

-/-KANAAF-/-
Galmikee guutuudha
Sirraa dhahamanii
Mararoo ragadu...!

-/-GARUU-/-
Galmeen kee hir'uudha
Gaafa ani deeme
Ni dhufta sagaduu!


πŸ“œ May 30/2024 πŸ•‘
➲ ⎾Laty Niftalem⏌
✍🏽Daraartuu Beekaa (Daabee)

☒️
#JOIN_AND_SHARE ♻️
⬇️⬇️
πŸŒγ€‚οΌΌο½œοΌγ€‚πŸŒ
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸ“‘
@jaalalaa_dhugaa πŸ””
πŸŒγ€‚οΌο½œοΌΌγ€‚πŸŒ


Yaadaaf πŸ‘‡πŸΎ
πŸ“©
@Onnee_Dhugaa_bot
2024/06/01 13:32:23
Back to Top
HTML Embed Code: